-
Iyyaasuu 4:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 achiis akkana isaaniin jedhe: “Taabota Waaqa keessan Yihowaa dura buʼaatii gara Yordaanos walakkaatti seenaa; tokkoon tokkoon keessanis akka lakkoofsa gosoota Israaʼelotaatti dhagaa tokko tokko fuudhaatii gateettii keessan irratti baadhaa; 6 innis isin gidduutti mallattoo taʼee ni tajaajila. Yeroo booda ijoolleen* keessan, ‘Dhagoota kana as kan keessan maaliifi?’+ jedhanii yoo isin gaafatan, 7 akkana jedhaa isaanitti himaa: ‘Akkana kan goone, bishaan Yordaanos taabota+ kakuu Yihowaa duratti waan dhaabbateefi. Taabotichi Yordaanosiin yommuu ceʼetti, bishaan Yordaanos ni dhaabbate. Dhagoonni kunis saba Israaʼeliif yaadannoo* dhaabbataa taʼanii tajaajilu.’”+
-