-
Keessa Deebii 24:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Namichi rakkataa yoo taʼe, wanta inni qabsiisa godhee siif kenne sana of bira hin bulchin.+ 13 Wanta inni qabsiisa godhee siif kenne sana akkuma aduun lixxeen isaaf deebisuu qabda; innis uffata isaa uffatee ni rafa,+ si eebbisas; kunis Waaqa kee Yihowaa duratti akka qajeelummaatti siif lakkaaʼama.
-