LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 30:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Sababiin isaas, dheekkamsi isaa yeroo muraasaaf qofa tura,+

      Gaarummaan* isaa garuu bara baraaf tura.+

      Galgala booʼichi dhufuu dandaʼa, ganama garuu ililchatu jira.+

  • Isaayyaas 61:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 61 Hafuurri Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa ana irra jira,+

      Sababiin isaas, Yihowaan garraamotaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera.+

      Warra garaan isaanii cabe* akkan walʼaanu,

      Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu akkan labsu,

      Ijji hidhamtootaa akka banamus akkan labsu na ergeera;+

       2 Waggaa gaarummaa Yihowaa,

      Guyyaa Waaqni keenya haaloo itti baʼus+ akkan labsu,

      Warra gaddan hundumaa akkan jajjabeessu,+

       3 Warra Xiyooniif gaddan akkan kunuunsu,

      Bakka daaraa shaashii,

      Bakka gaddaa zayitii gammachuu,

      Bakka hafuura gaddee uffata jajannaa akkan isaaniif kennu na ergeera.

      Isaanis mukeetii qajeelummaa guguddaa taʼan,

      Warra akka ulfina isaaf kennaniif* Yihowaan dhaabe sana jedhamanii ni waamamu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi