LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Nahimiyaa 4:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Isaan waan nu tuffataniif+ yaa Waaqa keenya, dhagaʼi; arrabsoo isaaniis mataa isaanii irratti deebisi;+ akka saamaman, boojiʼamaniis gara biyya kan biraatti akka geeffaman godhi.

  • Nahimiyaa 6:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akka kanaan, dallichi jiʼa Eluul* keessa guyyaa 25ffaatti, guyyaa 52 keessatti ni xumurame.

      16 Diinonni keenya hundi waaʼee kanaa yommuu dhagaʼanii fi guutummaan saboota naannoo keenyaas kana yommuu argan akka malee qaanaʼan;*+ hojiin kun kan hojjetame gargaarsa Waaqa keenyaatiin akka taʼes ni hubatan.

  • Asteer 6:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Haamaan wanta isa irra gaʼe hundumaa haadha manaa isaa Zeereeshii+ fi michoota isaa hundumaatti yommuu himu, namoonni isaa warri ogeeyyii taʼanii fi haati manaa isaa Zeereesh, “Mordekaay inni ati isa duratti kufuu jalqabde kun sanyiin isaa Yihudii yoo taʼe, ati isa moʼuu hin dandeessu; shakkii tokko malee isa duratti ni kufta” isaan jedhan.

  • Asteer 9:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yihudoonni diinota isaanii hundumaa goraadeedhaan ni rukutan, isaan ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan; warra isaan jibban irrattis wanta barbaadan ni raawwatan.+

  • Faarfannaa 137:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Yaa Yihowaa,

      Guyyaa Yerusaalem kuftetti wanta Edoomonni,

      “Ishii diigaa! Hamma buʼuurawwan ishiitti ishii diigaa!”+ jechuudhaan dubbatan yaadadhu.

  • Zakkaariyaas 12:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Guyyaa sanatti Yerusaalem saboota hundumaatti dhagaa ulfaataa akka taatu nan godha. Kan ol ishii kaasan hundi akka malee ni miidhamu;+ saboonni lafa irraa hundis ishii irratti walitti ni qabamu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi