-
Ermiyaas 49:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Edoomiin ilaalchisee Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Kana booda Temaan+ keessatti ogummaan akkamii iyyuu hin argamuu?
Warra hubannaa qaban jalaa gorsi gaariin ni badee?
Ogummaan isaanii hoo gatii kan hin qabne taʼee?
-
-
Obaadiyaa 10-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Hammina obboleessa kee Yaaqoob irratti raawwatameen kan kaʼe,+
Qaaniin si haguuga,+
Bara baraafis ni balleeffamta.+
11 Guyyaa ati calluma jettee qarqara dhaabbatetti,
Guyyaa namoonni biyya ormaa raayyaa isaa boojuudhaan fudhatanitti,+
Yommuu namoonni biyya ormaa karra isaatti ol seenanii Yerusaalem irratti carraa buufatanitti,+
Ati akkuma isaanii gooteetta.
-