LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 34:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 “Sababiin isaas, goraadeen koo samii keessatti ni jiidha.+

      Inni Edoom irratti,

      Saba isan haxaaʼee balleessu irratti murtiidhaaf gad ni buʼa.+

  • Hisqiʼel 25:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+

  • Hisqiʼel 35:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akkuma ati yommuu dhaalli mana Israaʼel onee turetti gammadde, anis akkanuma si irratti nan godha.+ Yaa naannoo gaarotaa Seʼiir, ati ona ni taata; eeyyee, guutummaan Edoom ona ni taʼa;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

  • Amoos 1:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yihowaan akkana jedha:

      ‘Fincila Edoom siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;

      Sababiin isaas, inni obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeera,+

      Gara laafina argisiisuus dideera;

      Aarii isaatiin garaa jabaatee isaan ciccireera,

      Isaanitti dheekkamuu isaas ittuma fufe.+

  • Obaadiyaa 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Guyyaa badiisa isaaniitti gara karra saba kootii dhufuu hin qabdu turte,+

      Rakkina guyyaa badiisa isaatti isa irra gaʼetti gammaduu hin qabdu turte,

      Akkasumas, guyyaa badiisa isaatti qabeenya isaa tuquu hin qabdu turte.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi