-
2 Saamuʼel 22:32-43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Yihowaa malee Waaqni eenyu?+
Waaqa keenya malee qarsaan eenyu?+
34 Miila koo akka miila gadamsaa ni godha;
Iddoowwan ol kaʼoo taʼan irra akkan dhaabbadhu ni godha.+
35 Harka koo waraanaaf ni leenjisa;
Irreen koos iddaa sibiila diimaa dabsuu ni dandaʼa.
38 Diinota koo duukaa buʼee isaan nan balleessa;
Hanga isaan haxaaʼamanii badanittis biraa hin deebiʼu.
39 Akka isaan ol hin kaanetti, haxaaʼee isaan nan balleessa; isaan nan caccabsas;+
Isaan miila koo jalatti kufu.
42 Isaan gargaarsaaf ni iyyatu, garuu kan isaan oolchu tokko illee hin jiru;
Yihowaatti illee ni iyyatu, inni garuu isaaniif hin deebisu.+
43 Akka awwaara lafaatti tumee isaan nan bulleessa;
Akka dhoqqee karaa irra jiruuttis isaan nan bulleessa; isaan nan dhidhiitas.
-