LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 14:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo kanatti Museen harka isaa galaanicha irratti ni diriirse;+ Yihowaanis bubbeen bahaa cimaa taʼe halkan guutuu akka bubbisu gochuudhaan galaanicha duubatti deebise; lafti galaanichaas gogaa ni taʼe;+ galaanichis gargar hirame.+

  • Lakkoofsa 11:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Achiis bubbeen tokko Yihowaa biraa dhufee galaanicha irraa dimbiriqqee* oofee fidee naannoo buufatichaatti akka bubuʼan godhe;+ simbirroonni sun gama tokkoon gara adeemsa guyyaa tokkoo, gama kan biraatiinis gara adeemsa guyyaa tokkoo guutummaa naannoo buufatichaa bubbuʼanii turan; lafa irras gara dhundhuma* lamaa ol tuulamanii turan.

  • Ermiyaas 10:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,

      Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,+

      Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.+

      Bokkaadhaaf bakakkaa* ni qopheessa,

      Manneen kuusaa isaa keessaas bubbee ni baasa.+

  • Ermiyaas 51:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,

      Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,

      Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.

      Bokkaadhaaf bakakkaa* ni qopheessa,

      Gootaraawwan isaa keessaas bubbee ni baasa.+

  • Yoonaas 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis Yihowaan galaanicha irratti bubbee cimaa ni kaase; obomboleettiin sun baayʼee cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe doonichi caccabuu jala gaʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi