LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Nahimiyaa 2:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis mootichaan, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu! Magaalaan abbootiin koo itti awwaalaman diigamtee, karrawwan ishiis ibiddaan gubamanii utuu jiranii+ maaliifan hin gaddu?” nan jedhe.

  • Faarfannaa 84:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Guutummaan eenyummaa kootii*

      Mooraa Yihowaa hawweera;+

      Eeyyee, ani mooraa isaa hawwuu irraa kan kaʼe gaggabeera.

      Garaan koo fi foon koo Waaqa isa jiraataadhaaf ni ililchu.

  • Faarfannaa 102:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yeroon gaarummaa kee ishiitti itti argisiistu amma waan taʼeef,+

      Ati dhugumaan kaatee Xiyoonitti gara laafina ni argisiista;+

      Yeroon murteeffame sun gaʼeera.+

      14 Tajaajiltoonni kee dhagoota ishiitti ni gammadu,+

      Biyyoo ishiitiif illee jaalala guddaa qabu.+

  • Isaayyaas 62:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 62 Qajeelummaan ishii akkuma ifa guddaatti hamma ifutti,+

      Fayyinni ishiis akkuma gucaatti hamma bobaʼutti,+

      Ani Xiyooniif jedhee calluma hin jedhu,+

      Yerusaalemiif jedhees calluma jedhee hin taaʼu.

  • Ermiyaas 51:50
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemuu keessan itti fufaa malee hin dhaabbatinaa!+

      Biyya fagoo irraa Yihowaa yaadadhaa,

      Yerusaalemis garaa keessan keessa haa teessu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi