2 “Saboota gidduutti kana labsaa, beeksisaas.
Mallattoo dhaabaa, kana beeksisaa.
Wanta tokko iyyuu hin dhoksinaa!
Akkana jedhaa: ‘Baabilon qabamteetti.+
Beel qaaneffameera.+
Merodaak sodaateera.
Fakkiiwwan ishii qaaneffamaniiru.
Waaqoliin tolfamoon ishii warri balfamoo taʼan sodaataniiru.’