-
Iyyoob 9:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Dhugaa dha, kun akkasuma akka taʼe beeka.
Garuu namni duʼu Waaqayyoo wajjin wal falmee akkamitti sirrii taʼuu dandaʼa?+
-
-
Lallaba 7:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhuu fi matumaa cubbuu hin hojjenne tokko illee lafa irratti hin argamu.+
-
-
Galaatiyaa 2:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoositti amanuu+ isaatiin qofa akka taʼe beekna. Kanaafuu, namni* kam iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa jedhamee waamamuu waan hin dandeenyeef, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Kiristoositti amanuudhaan qajeelota jedhamnee waamamuu akka dandeenyuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra.+
-
-
1 Yohaannis 1:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Nuti cubbuu hin hojjenne” jennee yoo dubbanne sobduu isa gochaa jirra, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.
-