LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 38:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru;+

      Isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu.

  • Faarfannaa 103:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Sababiin isaas, inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka,+

      Biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata.+

  • Faarfannaa 143:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 143 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhagaʼi;+

      Kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhaggeeffadhu.

      Amanamummaa kee fi qajeelummaa keetiin deebii naaf kenni.

       2 Namni lubbuudhaan jiru kam iyyuu si duratti qajeelaa taʼuu waan hin dandeenyeef,+

      Ana tajaajilaa kee murtiitti hin dhiheessin.

  • Isaayyaas 55:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Namni hamaan daandii isaa,

      Namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu;+

      Dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef,*+

      Gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.+

  • Daaniʼel 9:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaa Waaqa koo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi! Ija kees baniitii badiisa magaalaa keenya ishii maqaa keetiin waamamte irra gaʼe ilaali; sababiin isaas, nuti si kadhachaa kan jirru gocha qajeelummaa keenyaan utuu hin taʼin, gara laafina kee isa guddaadhaan kan kaʼe dha.+

  • Roomaa 3:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Kanaafuu, namni* seera eeguudhaan isa duratti qajeelaa jedhamuu dandaʼu tokko illee hin jiru;+ sababiin isaas, cubbuun maal akka taʼe sirriitti kan beeksise seera dha.+

  • Tiitoo 3:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 (kun kan taʼe inni gara laafessa waan taʼeef malee, hojii qajeelinaa nuti hojjenneen miti),+ inni dhiqannaa isa jireenya nuuf argamsiise+ sanaan, akkasumas hafuura qulqulluudhaan haaraa nu godhee nu fayyiseera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi