LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 6:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Tajaajilaan nama Waaqa dhugaa sanaas ganamaan kaʼee yommuu gad baʼu raayyaan waraanaa fardeenii fi gaariiwwan fardaa qabu tokko magaalattiitti marsee arge. Tajaajilaan sunis yeruma sana, “Wayyoo, gooftaa koo! Maal gochuu nuu wayya?” isaan jedhe. 16 Inni garuu, “Warra isaanii wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ hin sodaatin!”+ isaan jedhe.

  • Faarfannaa 27:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Raayyaan waraanaa yoo natti marse iyyuu,

      Garaan koo hin sodaatu.+

      Waraanni ana irratti yoo banames,

      Yeroo sanatti iyyuu ani sodaa maleen jiraadha.

  • Roomaa 8:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kanaafuu, waaʼee wantoota kanaa maal jechuu dandeenya ree? Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi