-
2 Saamuʼel 7:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe. 9 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;*+ akkuma namoota guguddaa lafa irra jiranii maqaa guddaa akka qabaattu nan godha.+
-