2 Kanaa mannaa inni seera Yihowaatti ni gammada,+
Seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.+
3 Inni akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee,
Akka muka waqtii isaatti firii godhatuu,
Baalli isaas hin coollignee ni taʼa.
Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.+