-
1 Saamuʼel 3:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Guyyaa sanatti waaʼee mana isaa wantan dubbadhe hundumaa jalqabaa kaasee hamma dhumaatti Eelii irratti nan raawwadha.+ 13 Dogoggora inni beeku sanaan kan kaʼe mana isaa irratti murtii bara baraa akkan dabarsu itti himi;+ sababiin isaas ilmaan isaa Waaqayyoon arrabsaniiru;+ inni garuu isaanitti hin dheekkamne.+
-
-
1 Mootota 1:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kana gidduutti Adoniyaa+ ilmi Haagiit, “Ani mootiin taʼa!” jechuudhaan of guguddisuu jalqabe. Inni gaarii fardaa abbootii fardeenii wajjin, akkasumas namoota 50 isa dura fiigan qopheeffate.+ 6 Haa taʼu malee, abbaan isaa takkaa illee, “Maaliif akkana goote?” jedhee isa mormee* hin beeku ture. Kana malees, inni baayʼee miidhagaa ture; haati isaa kan isa deesse erga Abishaalom dhalatee booda ture.
-