-
1 Saamuʼel 2:22-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yeroo kanatti Eeliin baayʼee dulloomee ture; inni wanta ilmaan isaa Israaʼelota hundumaa irratti raawwachaa jiran hunda,+ akkasumas dubartoota karra dunkaana walgaʼii duratti tajaajilanii wajjin akka ciisan+ dhagaʼee ture. 23 Inni akkana isaaniin jedha ture: “Wanta akkanaa maaliif raawwattu? Wanti ani waaʼee keessan namoota hundumaa irraa dhagaʼaa jiru kun gaarii miti. 24 Dhiisaa yaa ijoollee koo, oduun saba Yihowaa gidduutti odeeffamaa jiruu fi ani dhagaʼu kun gaarii miti. 25 Namni tokko nama isa kan biraa irratti cubbuu yoo hojjete, namni kan biraan Yihowaa isaaf kadhachuu dandaʼa;* namni tokko Yihowaa irratti cubbuu yoo hojjete+ garuu, eenyutu isaaf kadhachuu dandaʼa?” Taʼus, Yihowaan isaan ajjeesuu waan barbaadeef, isaan abbaa isaanii dhagaʼuu didan.+
-
-
1 Saamuʼel 8:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Saamuʼel yeroo dulloometti, abbootii murtii taʼanii Israaʼelota akka tajaajilaniif ilmaan isaa ni muude. 2 Maqaan ilma isaa isa angafaa Yooʼel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa+ ture; isaan Ber Sheebaatti abbootii murtii taʼanii tajaajilu turan. 3 Haa taʼu malee, ilmaan isaa kun fakkeenya isaa hin hordofne; isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf+ mattaʼaa ni fudhatu,+ haqas ni jalʼisu+ turan.
-
-
2 Saamuʼel 15:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Daawitis yeruma sana tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin Yerusaalem keessa jiran hundumaatiin, “Tokkoon keenya illee Abishaalom jalaa miliquu waan hin dandeenyeef, kaʼaa, haa baqannu!+ Inni dafee nu bira gaʼee nu balleessuu fi magaalattiis goraadeedhaan rukutuu waan dandaʼuuf dafaa haa baqannu!”+ jedhe.
-