LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 50:19-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Yeroo kanatti Yoseef akkana isaaniin jedhe: “Hin sodaatinaa. Ani iddoo Waaqayyoon jiraa? 20 Isin kana kan gootan na miidhuuf yoo taʼe iyyuu,+ Waaqayyo garuu akkuma harʼa gochaa jirutti wanta gaariitti jijjiireera; lubbuu namoota hedduu oolchuufis itti fayyadameera.+ 21 Kanaafuu, amma hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan warra xixinnoo taʼaniif midhaan nan kenna.”+ Akka kanaan isaan jajjabeesse; karaa isaan tasgabbeessuunis isaanitti dubbate.

  • Maatewos 18:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Achiis Pheexiros dhufee, “Yaa Gooftaa, obboleessi koo cubbuu yoo na irratti hojjete siʼa meeqa dhiifama isaaf godhu? Siʼa torbaa?” jedhee isa gaafate. 22 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Ani siin nan jedha, siʼa 77 malee, siʼa torba qofa miti.+

  • Efesoon 4:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Kanaa mannaa gaarummaa walitti argisiisaa, akkasumas garaa waliif laafaa;+ akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi