LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 6:9-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Yaa dhibaaʼaa nana, hamma yoomiitti achi ciista?

      Hirriba kee irraa hoo yoom dammaqxa?

      10 Xinnuman ciisa, xinnuman muga,

      Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette,+

      11 Hiyyummaan akkuma saamtuutti,

      Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.+

  • Fakkeenya 15:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Daandiin nama dhibaaʼaa akkuma dallaa qoree ti,+

      Daandiin qajeelotaa garuu akkuma karaa guddaa wal qixa taʼee ti.+

  • Fakkeenya 24:30, 31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ani maasii nama dhibaaʼaa,+

      Maasii wayinii nama hubannaa* hin qabnee bira nan darbe.

      31 Maasiin isaa aramaadhaan liqimfamee nan arge;

      Lafti isaa doobbiidhaan uwwifamee ture,

      Dallaan dhagaa isaas jigee ture.+

  • Fakkeenya 26:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Balballi maaxafaa* isaa irratti naannaʼa,

      Namni dhibaaʼaanis siree isaa irra gaggaragala.+

      15 Namni dhibaaʼaan harka isaa saanii golboo keessa ni kaaʼa,

      Garuu gara afaan isaatti deebisee fiduun baayʼee isa dadhabsa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi