Lakkoofsa 30:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Namni tokko Yihowaadhaaf wareega tokko yoo wareege+ yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega tokko wareeguudhaan+ dirqama keessa yoo of* galche, wanta jedhe sana cabsuu hin qabu.+ Wanta raawwachuuf kakate sana hundumaa raawwachuu qaba.+ Lallaba 5:4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 4 Inni gowwootatti waan hin gammanneef,+ yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu hundumaatti wareega kee utuu hin turin raawwadhu.+ Wanta wareegde raawwadhu.+ Lallaba 5:6 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Afaan kee akka cubbuu si* hojjechiisu hin godhin;+ maleekaa* durattis wareegni kee dogoggora akka ture hin dubbatin.+ Wanta dubbatteen kan kaʼe Waaqni dhugaan sitti dheekkamee hojii harka keetii+ akka balleessu maaliif goota? Maatewos 5:33 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 33 “Kana malees, namoota bara duriitti jiraataniin, ‘Wareega Yihowaadhaaf* wareegde raawwadhu+ malee akkasumaan hin kakatin’+ akka jedhame dhageessaniittu.
2 Namni tokko Yihowaadhaaf wareega tokko yoo wareege+ yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega tokko wareeguudhaan+ dirqama keessa yoo of* galche, wanta jedhe sana cabsuu hin qabu.+ Wanta raawwachuuf kakate sana hundumaa raawwachuu qaba.+
4 Inni gowwootatti waan hin gammanneef,+ yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu hundumaatti wareega kee utuu hin turin raawwadhu.+ Wanta wareegde raawwadhu.+
6 Afaan kee akka cubbuu si* hojjechiisu hin godhin;+ maleekaa* durattis wareegni kee dogoggora akka ture hin dubbatin.+ Wanta dubbatteen kan kaʼe Waaqni dhugaan sitti dheekkamee hojii harka keetii+ akka balleessu maaliif goota?
33 “Kana malees, namoota bara duriitti jiraataniin, ‘Wareega Yihowaadhaaf* wareegde raawwadhu+ malee akkasumaan hin kakatin’+ akka jedhame dhageessaniittu.