Iyyaasuu 1:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 “Onnadhu, baayʼee cimi, guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen si ajaje hundumaas of eeggannoodhaan eegi. Bakka deemtu hundumaatti ogummaadhaan deddeebiʼuu akka dandeessuuf,+ isa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+ Faarfannaa 25:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Inni garraamota karaa sirrii* taʼe irra ni geggeessa,+Daandii isaas isaan barsiisa.+ Yaaqoob 1:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 Kanaafuu, isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu;+ sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin* nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna,+ isaafis ni kennama.+
7 “Onnadhu, baayʼee cimi, guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen si ajaje hundumaas of eeggannoodhaan eegi. Bakka deemtu hundumaatti ogummaadhaan deddeebiʼuu akka dandeessuuf,+ isa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+
5 Kanaafuu, isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu;+ sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin* nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna,+ isaafis ni kennama.+