11 Ogummaan dhaalaa wajjin yommuu argamu, warra ifa guyyaa arganiif wanta gaarii taʼee fi faayidaa qabu dha. 12 Sababiin isaas, akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu,+ ogummaanis eegumsa argamsiisa;+ caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti.+