-
Lallaba 2:4-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Hojiiwwan guguddoo nan raawwadhe.+ Manneen nan ijaarradhe;+ mukeetii wayinii nan dhaabbadhe.+ 5 Iddoowwan biqiltuu fi iddoowwan bashannanaa nan qopheeffadhe; achi keessattis mukeetii firii godhatan adda addaa nan dhaabe. 6 Mukeetii bosonaa biqilaa jiran jalʼisiidhaan obaasuufis bishaan kuufamaa nan qopheeffadhe. 7 Tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa nan baayʼifadhe;+ tajaajiltoota mana koo keessatti dhalatanis* qaban ture. Kana malees, warra na dura Yerusaalem keessa turan hundumaa caalaa horii, jechuunis loonii fi bushaayee hedduu nan argadhe.+ 8 Meetii fi warqii warra qabeenya moototaa fi koonyaawwanii taʼan* nan kuufadhe.+ Weellistoota dhiiraa fi durbaa walitti nan qabadhe; akkasumas dubartii* dhiiraaf gammachuu guddaa argamsiistu, eeyyee, dubartoota* hedduu walitti nan qabadhe.
-