-
1 Mootota 4:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Solomoon bulchitoota guutummaa Israaʼel irratti muudamanii mootichaa fi maatii isaatiif soorata dhiheessan 12 qaba ture. Tokkoon tokkoon isaanii waggaatti jiʼa tokkoof soorata dhiheessuuf itti gaafatamummaa qabu turan.+
-
-
1 Mootota 4:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Nyaanni guyyaa guyyaadhaan Solomooniif galu, daakuu bullaaʼaa safartuu qorosii* 30 fi daakuu safartuu qorosii 60, 23 loon gabbifaman 10, loon kaloo dheedan 20, hoolota 100, akkasumas gosoota gadamsaa garaa garaa, borofawwan gosa adda addaa fi simbirroota gagabbatoo turan.
-
-
1 Mootota 10:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon+ qabu hunda, mana inni ijaare,+ 5 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessan, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu yommuu argitu wanta jettu wallaalte.*
-
-
1 Mootota 10:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Miʼawwan Solomoon Mootichi itti dhugu hundi warqii irraa kan tolfaman turan; miʼawwan Mana Bosona Libaanon+ jedhamu keessa jiran hundis warqii qulqulluu irraa kan tolfaman turan. Bara Solomoonitti meetiin akka waan gatii hin qabneetti waan ilaalamuuf, wanti meetii irraa tolfame tokko illee hin jiru ture.+
-