LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 43:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Saboonni hundi bakka tokkotti haa sassaabaman,

      Namoonnis walitti haa qabaman.+

      Isaan gidduudhaa kana dubbachuu kan dandaʼu eenyu?

      Yookiin isaan wantoota jalqabaa* nu dhageessisuu ni dandaʼuu?+

      Sirrii taʼuu isaanii mirkaneessuuf dhugaa baatota isaanii haa dhiheeffatan

      Yookiin dhagaʼanii, ‘Kun dhugaa dha!’ haa jedhan.”+

  • Isaayyaas 44:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Kan akka kootii eenyu?+

      Inni deebii haa kennu, haa dubbatu, naaf haa mirkaneessus!+

      Isaan yeroon saba isa bara dheeraa dura ture hundeesse irraa jalqabee

      Wantoota dhiheenyatti dhufan,

      Wantoota gara fuulduraatti raawwatamanis haa dubbatan.

  • Isaayyaas 45:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Gabaasa keessan dhiheessaa, dhimma keessan dhiheeffadhaa.

      Isaan tokkummaadhaan waliin haa mariʼatan.

      Bara dheeraa dura kana kan dubbate,

      Yeroo darbe irraa kaasees kana kan labse eenyu?

      Ana Yihowaa mitii?

      Ana malee Waaqni kan biraan hin jiru;

      Ana malee Waaqni qajeelaanis taʼe Fayyisaan hin jiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi