-
2 Seenaa Baraa 36:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jechuudhaan labsii sana ni barreesse:+ 23 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafa irraa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru na ajajeera.+ Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa Yihowaan isaa wajjin haa taʼu; innis achitti ol haa baʼu.’”+
-
-
Izraa 6:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Waggaa jalqabaa Qiiros Mootichaatti, Qiiros Mootichi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ilaalchisee ajaja akkana jedhu kennee ture:+ ‘Isaan achitti aarsaawwan akka dhiheessaniif, manichi deebiʼee haa ijaaramu; buʼuurri isaas haa kaaʼamu; ol dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaas dhundhuma 60+ taʼee,
-
-
Isaayyaas 45:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Ani nama tokko qajeelummaadhaan ol kaaseera,+
Daandiiwwan isaa hundumaas qajeelaa nan godha.
-