LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 1:1-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jedhee labsii sana barreesse:+

      2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha. 4 Namni tokko nama biyya ormaa+ taʼee eessa iyyuu yoo jiraate, olloonni isaa,* kennaa fedhiidhaan mana Waaqa dhugaa isa Yerusaalem keessatti argamuuf kennamu dabalatee, meetii fi warqii, akkasumas miʼawwanii fi horii qeʼee isaaf kennuudhaan+ isa haa gargaaran.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi