LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 32:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun didaa* taʼuu isaa ani argeera.+

  • 2 Mootota 17:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.

  • Faarfannaa 78:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Sana booda isaan akka abbootii isaanii,

      Dhaloota didaa fi fincilaa,+

      Dhaloota garaan isaa walaallammii taʼe,*+

      Isa hafuurri isaa Waaqayyoof amanamaa hin taane hin taʼan.

  • Hisqiʼel 3:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Manni Israaʼel garuu na dhagaʼuu waan hin barbaanneef, si hin dhagaʼan.+ Warri mana Israaʼel keessa jiran hundi boqu jabeeyyii fi mata jabeeyyii dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi