-
Baʼuu 15:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kanaafuu sabichi, “Maal dhugna?” jedhee Musee irratti gungumuu jalqabe.+ 25 Museenis gara Yihowaatti iyye;+ Yihowaanis muka xinnoo tokko isatti argisiise. Yommuu mukicha gara bishaanichaatti darbatus, bishaanichi miʼaawaa taʼe.
Inni achitti dambii fi wanta murtiidhaaf buʼuura taʼu isaaniif ni hundeesse; akkasumas achitti isaan ni qore.+
-
-
Keessa Deebii 8:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 garaan kee boonee+ Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase,+ 15 isa lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe keessa,+ bakka bofti summii qabuu fi torbaanqabaan* jirutti, lafa gogaa bishaan hin qabne keessas akka deemtu godhe sana akka si irraanfachiisu hin heyyamin. Inni qarsaa cimaa keessaa bishaan akka yaaʼu godheera;+
-
-
Isaayyaas 43:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Kunoo, ani wanta haaraa nan raawwadha;+
Inni ammuma illee jalqabeera.
Isin kana hin hubannee?
-