LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 93:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 93 Yihowaan Mootii taʼeera!+

      Inni simboo uffateera;

      Yihowaan jabina uffateera;

      Akka qabattootti isa hidhateera.

      Lafti* cimtee hundeeffamteetti;

      Iddoo ishiitii sochoʼuus* hin dandeessu.

  • Isaayyaas 33:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Sababiin isaas, Yihowaan Abbaa Murtii keenya dha,+

      Yihowaan isa seera nuu kennu dha,+

      Yihowaan Mootii keenya dha;+

      Kan nu oolchu isa dha.+

  • Miikiyaas 4:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Ani inni okkolu, lubbuudhaan akka oolu,+

      Inni fagootti ariʼamee tures saba jabaa akka taʼu nan godha;+

      Yihowaanis ammaa jalqabee bara baraaf

      Gaara Xiyoon irratti isaan irratti mootii taʼee ni bulcha.

  • Maatewos 24:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama;+ sana booda dhumni ni dhufa.

  • Mulʼata 11:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Maleekaan inni torbaffaan malakata isaa afuufe.+ Samii keessaa sagaleewwan guguddaan, “Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa keenyaa+ fi Mootummaa Kiristoos+ ni taʼe; inni baraa hamma bara baraatti mootii taʼee ni bulcha”+ jedhan ni dhagaʼaman.

  • Mulʼata 11:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 akkana jedhan: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa,* Hundumaa kan Dandeessu, inni jirtuu+ fi inni turte, ati aangoo kee isa guddaa waan fudhattee fi mootii taatee bulchuu waan jalqabdeef+ si galateeffanna.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi