LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Zakkaariyaas 11:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis Yihowaan, “Gatii guddaa isaan ittiin na shallagan sana fuudhiitii mana qabeenyaa keessatti darbadhu”+ naan jedhe. Kanaafuu, meetii sheeqilii 30 sana fuudheen mana qabeenyaa mana Yihowaa keessatti darbadhe.+

  • Yohaannis 18:39, 40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Kana malees, akka barsiifata keessaniitti guyyaa Faasikaatti nama tokko isiniif nan hiika.+ Maarree, Mootii Yihudootaa akkan isiniif hiiku ni barbaadduu?” 40 Isaan ammas, “Barbaaniin malee, namicha kana miti!” jedhanii iyyan. Barbaan saamtuu ture.+

  • Hojii Ergamootaa 3:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Waaqni abbootii keenyaa, inni Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe,+ Tajaajilaan isaa Yesuus+ inni Philaaxos gadhiisuuf murteessee utuu jiruu, isin immoo dabarsitanii kennitanii+ fi Philaaxos duratti gantan sun ulfina akka argatu godhe.+ 14 Isin nama qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii, namichi inni nama ajjeese sun akka isiniif gadhiifamu gaafattan;+

  • Hojii Ergamootaa 4:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Inni, ‘dhagaa isa isin ijaartonni akka waan gatii hin qabneetti ilaaltanii fi dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe sana’ dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi