LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 27:57-60
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 57 Gara galgalaas namichi sooressi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi barataa Yesuus ture tokko ni dhufe.+ 58 Innis Philaaxos bira dhaqee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+ Philaaxosis akka isaaf kennamu+ ajaje. 59 Yoseefis reefficha fuudhee uffata quncee talbaa baʼeessaa fi qulqulluu taʼeen kafanee,+ 60 awwaala* haaraa isa ofii isaatiif kattaa keessatti qopheesse keessa kaaʼe.+ Achiis dhagaa guddaa tokko gara afaan awwaalichaatti* gangalchee erga cufee booda bakka sanaa deeme.

  • Maarqos 15:46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 Innis uffata quncee talbaa baʼeessa bitee, reeffa isaa erga mukicha irraa buusee booda, uffatichaan kafanee awwaala* kattaa keessatti qophaaʼe tokko keessa kaaʼe;+ achiis dhagaa tokko gara afaan awwaalichaatti gangalche.+

  • Yohaannis 19:41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 41 Akkuma carraa taʼee, iddoo inni itti ajjeefame* sana iddoon biqiltuu tokko jira ture; iddoo biqiltuu sana keessas awwaalli* haaraan+ namni itti awwaalamee hin beekne tokko jira ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi