LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 56:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,

      Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+

      Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,

      Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,

      Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,

       7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+

      Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.

      Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.

      Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+

  • Isaayyaas 66:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Akkuma namoonni Israaʼel kennaawwan isaanii miʼa qulqulluutti qabatanii gara mana Yihowaatti fidanitti, isaanis saboota hundumaa keessaa obboloota keessan hundumaa fardeen irra, gaariiwwan fardaa irra, gaariiwwan uwwifaman keessa, gaangolii irra, akkasumas gaalota saffisa qaban irra kaaʼanii, Yihowaadhaaf kennaa godhanii gara gaara koo isa qulqulluutti, gara Yerusaalemitti ni fidu”+ jedha Yihowaan.

  • Hisqiʼel 20:40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Sababiin isaas, gaara koo isa qulqulluu, jechuunis gaara Israaʼel isa ol kaʼaa+ irratti guutummaan mana Israaʼel, eeyyee, hundi isaanii iyyuu biyyattii keessatti na tajaajilu.+ Anis achitti isaanitti nan gammada; buusiiwwan keessanii fi firiiwwan jalqabaa aarsaawwan keessanii, jechuunis wantoota qulqulluu dhiheessitan hundumaa isin irraa nan barbaada.+

  • Yooʼel 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isinis ani Waaqa keessan Yihowaa isa Xiyoon gaara koo ishii qulqulluu irra jiraatu+ taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.

      Yerusaalem iddoo qulqulluu ni taati,+

      Kana booda namoonni biyya ormaa* ishii keessa hin darban.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi