LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 31:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+ 17 Yeroo sanatti dheekkamsi koo isaan irratti ni bobaʼa;+ ani isaan nan dhiisa,+ hamma isaan dhumanittis fuula koo isaan jalaa nan dhoksa.+ Badiisnii fi dhiphinni hedduun erga isaan irra gaʼee boodas,+ ‘Badiisawwan kun kan nu irra gaʼan, Waaqni keenya nu gidduutti waan hin argamneef mitii?’ jedhu.+

  • Keessa Deebii 32:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Kanaafuu akkana jedhe: ‘Fuula koo isaan jalaa nan dhoksa;+

      Mee dhumni isaanii maal akka taʼun ilaala.

      Isaan dhaloota didaa dha,+

      Ilmaan amanamummaa hin qabne dhas.+

  • Isaayyaas 57:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Inni cubbamaa taʼuu isaatiin buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalii gochuu isaatti nan aare,+

      Kanaafuu, isa nan rukute, fuula koo nan dhokse, nan dheekkames.

      Inni garuu daandii garaa isaa hordofuudhaan gantuu taʼuu isaa itti fufe.+

  • Hisqiʼel 39:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Saboonnis manni Israaʼel boojuudhaan kan fudhataman balleessaa ofii isaaniitiin, akkasumas anaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin akka taʼe dhugumaan ni hubatu.+ Anis fuula koo isaan duraa nan dhokse;+ harka diinota isaaniitti dabarsee isaan nan kenne;+ hundi isaaniis goraadeedhaan ni kukkufan.

  • Miikiyaas 3:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Yeroo sanatti isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu,

      Inni garuu deebii isaaniif hin kennu.

      Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe,+

      Yeroo sanatti inni fuula isaa isaan jalaa ni dhoksa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi