-
Baʼuu 29:42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Innis dhaloota keessan hundumaa keessatti aarsaa gubamu isa yeroo hunda balbala dunkaana walgaʼii duratti, jechuunis bakka ani sitti dubbachuuf sitti mulʼadhu+ sanatti Yihowaa duratti ni dhihaata.
-
-
Isaayyaas 56:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,
Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+
Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,
Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,
Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,
7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+
Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.
Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.
Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+
-