-
Izraa 7:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Waaqa abbootii keenyaa kan taʼe Yihowaan, inni mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamu akka miidhagsuuf yaada kana garaa mootichaa keessa kaaʼe haa jajamu!+
-
-
Nahimiyaa 2:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis mootichaan akkanan jedhe: “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, hamman Yihudaa gaʼutti nagaadhaan akka na dabarsaniif xalayaawwan ani bulchitoota naannoo Lagicha* Gamaatiif+ kennu naaf haa kennaman; 8 kana malees, saanqaa karrawwan Dallaa Dhagaa+ Manichaatiif,* dallaawwan magaalattiitiif,+ akkasumas mana ani gara isaa dhaquuf taʼu akka naaf kennu xalayaan ani Asaaf isa eegduu Paarkii* Mootichaa taʼetti kennus naaf haa kennamu.” Harki Waaqa koo inni gaariin anaa wajjin waan tureef,+ mootichi wantoota kana anaaf ni kenne.+
-
-
Isaayyaas 49:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Mootonni eegdota siif ni taʼu,+
Ijoolleen durbaa isaaniis guddiftoota kee ni taʼu.
-