LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 36:20, 21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Warra goraadee irraa oolan boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ isaanis hamma mootummaan Faarsi bulchuu jalqabetti+ isaa fi ilmaan isaatiif tajaajiltoota taʼan;+ 21 kunis kan taʼe, dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf,+ hamma biyyattiin idaa sanbataa ishii irra jiru kaffaltutti ture.+ Waggoonni 70ni sun hamma raawwatamanittis, biyyattiin yeroo ona taatee turte hundumaatti sanbata ni kabajje.+

  • Isaayyaas 49:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Xiyoon garuu irra deddeebitee,

      “Yihowaan na dhiiseera,+ Yihowaan na irraanfateera”+ jetteetti.

  • Ermiyaas 30:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “Isaan kan gatamte akka taate yoo dubbatanii fi

      ‘Xiyoon ishii eenyu iyyuu hin barbaanne’ yoo siin jedhan iyyuu,+

      Ani garuu fayyaa kee siif nan deebisa, madaa kees nan fayyisa”+ jedha Yihowaan.

  • Faaruu Ermiyaas 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Eenyu iyyuu gara ayyaanichaatti waan hin dhufneef, daandiiwwan gara Xiyoonitti geessan gaddaa jiru.+

      Karrawwan ishii hundi onaniiru;+ luboonni ishii aadaa jiru.

      Durboonni* ishii gaddaa jiru, ishiinis dhiphina guddaa keessa jirti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi