26 Ani dubbiin tajaajiltoota kootii akka raawwatamu nan godha,
Raajii ergamoonni koo dubbatanis guutummaatti nan raawwadha;+
Ani waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin bakka jireenyaa ni taati’+
Waaʼee magaalota Yihudaas, ‘Isaan deebiʼanii ni ijaaramu,+
Diiggaawwan ishiis deebisee nan ijaara’+ nan jedha;
-
Isaayyaas 58:12
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Isaanis siif jedhanii diiggaawwan bara durii deebisanii ni ijaaru,+
Atis buʼuurawwan dhaloota darban sanaa iddoo isaaniitti ni deebista.+
Isa dallaawwan diigaman haaressu,
Daandiiwwan namoonni bira jiraatan deebisee ijaaru sana jedhamtees ni waamamta.+
-
Hisqiʼel 36:33, 34
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaan yakka keessan hundumaa irraa isin qulqulleessutti magaalonni kan namni keessa jiraatu akka taʼan,+ diiggaawwanis deebiʼanii akka ijaaraman nan godha.+ 34 Lafti onaan inni namni achiin darbu hundi ona akka taʼetti ilaalaa ture sun ni qotama.