LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+

       4 Inni saboota gidduutti murtii ni kenna,

      Dhimmoota namoota hedduutiifis furmaata ni argamsiisa.

      Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,

      Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+

      Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,

      Isaan kana booda waraana hin baratan.+

  • Isaayyaas 11:6-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin ni jiraata,+

      Qeerransis ilmoo reʼee wajjin ni ciisa,

      Jabbiin, leencii* fi horiin gabbataan waliin ni jiraatu;*+

      Mucaan xinnoonis isaan ni tiksa.

       7 Saanii fi amaakenni waliin ni dheedu,

      Ilmooleen isaaniis waliin ni ciciisu.

      Leencis akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata.+

       8 Daaʼimni harma hodhu manʼee marʼataa irra ni taphata,

      Daaʼimni harma guʼes harka isaa boolla bofa summii qabuu keessa ni kaaʼa.

       9 Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti+ miidhaa

      Yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan,+

      Sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu,

      Laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.+

  • Miikiyaas 4:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Saboonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi