LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 4:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis Naazireetii erga baʼee booda, gara Qifirnaahom+ dhaqee achi jiraachuu jalqabe; Qifirnaahom galaana isa koonyaawwan Zaabiloonii fi Niftaalem keessa jiru biratti argamti turte; 14 kunis kan taʼe, wanti karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi: 15 “Yaa Galiilaa sabootaa, biyyi Zaabiloonii fi biyyi Niftaalem warri daandii gara galaanichaatti geessu irratti, Yordaanos gamatti argamtan nana! 16 Uummanni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa arge; warra biyya gaaddisa duʼaa keessa jiraatan irrattis ifni+ ni baʼe.”+

  • Luqaas 1:78, 79
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 78 Kunis kan taʼe gara laafina guddaa Waaqa keenyaatiin kan kaʼe dha. Gara laafina kanaanis ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baʼa; 79 inni warra dukkana keessaa fi gaaddidduu duʼaa jala taaʼanii jiraniif ifa kenna;+ akkasumas miilli keenya daandii nagaa irra akka deemu godha.”

  • Luqaas 2:30-32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 sababiin isaas, ijji koo karaa ati fayyina ittiin argamsiistu+ argeera; 31 kunis isa ati namoota hundumaa duratti qopheessite dha;+ 32 inni ifa+ saboota irraa haguuggii fuudhuu+ fi saba kee Israaʼeliif ulfina taʼe dha.”

  • Yohaannis 1:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Ifni inni dhugaan akaakuu namootaa hundumaatiif ifa kennu gara addunyaa dhufuuf jedha ture.+

  • Yohaannis 8:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 12 Sana booda Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti.+ Namni ana duukaa buʼu kam iyyuu ifa+ jireenyaa argata malee, matumaa dukkana keessa hin deddeebiʼu” isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi