-
Isaayyaas 7:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Mataan Sooriyaa Damaasqoo dha,
Mataan Damaasqoo immoo Reezini.
Waggaa 65 keessatti,
Efreem guutummaatti ni caccaba, saba taʼuun isaas ni hafa.+
-
-
Isaayyaas 28:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Gonfoo* machooftuuwwan Efreem+ ishii na argaa na argaa jettuuf,*
Akkasumas, abaaboo coolligaa faaya miidhaginaa ishii taʼe,
Isa mataa lafa gabbataa sululichaa kan warra daadhii wayiniitiin moʼamanii taʼe irra jiruuf wayyoo!
2 Kunoo, Yihowaan nama cimaa fi jabaa taʼe tokko qaba.
Innis akkuma bokkaa cabbii bubbee fi kakawwee qabuutti, akkuma obomboleettii badiisa geessisuutti,
Akkuma bubbee kakawwee qabuu fi lolaa cimaa geessisuutti,
Humnaan gara lafaatti ishii ni darbata.
-
-
Hoseʼaa 5:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Ani Efreemitti leenca saafela,
Mana Yihudaattis leenca cimaa nan taʼa.
-