LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 20:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yihowaanis akkana jedhe: “Akkuma tajaajilaan koo Isaayyaas Gibxii+ fi Itoophiyaadhaaf+ mallattoo+ fi akeekkachiisa akka taʼutti waggaa sadiif qullaa isaa fi miila isaa duwwaa asii fi achi deemaa turetti, 4 mootiin Asooris namoota Gibxii fi namoota Itoophiyaa warra boojiʼaman+ ijoollee fi maanguddoota utuu hin jedhin qullaa isaanii fi miila isaanii duwwaa utuma hudduun isaanii mulʼatuu oofee ni fudhata; eeyyee, Gibxiin ni salphatti.

  • Ermiyaas 46:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Amoon+ isa waaqa Noo*+ taʼetti, gara Faraʼoonitti, gara Gibxiitti, gara waaqolii ishiittii+ fi gara mootota ishiitti, eeyyee, gara Faraʼoonii fi gara warra isatti amanaman hundumaatti nan deebisa.’+

      26 “‘Harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti,* harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonittii fi harka tajaajiltoota isaatti dabarsee isaan nan kenna.+ Haa taʼu malee, ishiin sana booda akkuma kanaan duraa bakka namoonni keessa jiraatan ni taati’ jedha Yihowaan.+

  • Hisqiʼel 29:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani biyya Gibxii Nebukadnezaar* mootii Baabiloniif nan kenna;+ innis qabeenya ishii ni fudhata, boojuu hedduus ishii keessaa ni fudhata, ni saamas; kunis gatii raayyaa waraanaa isaa ni taʼa.’

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi