LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 32:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Masaraan cimaan dhiifameera;

      Magaalaan waccus onteetti.+

      Ofeelii+ fi masaraan eegumsaa yeroo hundumaatiif lafa onaa taʼaniiru,

      Bakka harroonni bosonaa keessa burraaqan,

      Bakka bushaayeewwan keessa dheedanis taʼaniiru;+

  • Ermiyaas 9:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Ani Yerusaalemiin tuullaa dhagaa,+ holqa sardiidotaa nan godha,+

      Magaalota Yihudaas ona, bakka namni keessa hin jiraanne nan godha.+

  • Faaruu Ermiyaas 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Eenyu iyyuu gara ayyaanichaatti waan hin dhufneef, daandiiwwan gara Xiyoonitti geessan gaddaa jiru.+

      Karrawwan ishii hundi onaniiru;+ luboonni ishii aadaa jiru.

      Durboonni* ishii gaddaa jiru, ishiinis dhiphina guddaa keessa jirti.

  • Faaruu Ermiyaas 2:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Yihowaan dallaa intala Xiyoon barbadeessuuf murteesseera.+

      Inni wadaroo safaraa ishii irratti diriirseera.+

      Badiisa fiduu* irraa harka isaa hin deebisne.

      Inni dallaan ittisaa fi dallaan akka gaddan ni godha.

      Hundi isaanii dadhaboo akka taʼan godhamaniiru.

      ט [Teet]

       9 Karrawwan ishii lafa keessa gad lixaniiru.+

      Inni danqaraawwan ishii balleesseera, akkasumas caccabseera.

      Mootiin ishii fi bulchitoonni ishii saboota gidduutti argamu.+

      Seerri* hin jiru; raajonni ishii illee Yihowaa biraa mulʼata hin argatan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi