LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 28:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Yihowaan siinis taʼe mootii ati of irratti muudde gara saba atis taate abbootiin kee hin beeknetti ni ariʼa;+ achittis waaqolii kan biroo warra mukaa fi dhagaa irraa tolfaman ni tajaajilta.+

  • 2 Mootota 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

  • 2 Mootota 25:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+

  • Faaruu Ermiyaas 4:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Hafuurri funyaan keenyaa, inni Yihowaan dibe+

      Inni waaʼee isaa, “Nuti gaaddisa isaa jalatti saboota gidduu jiraanna” jenne sun boolla isaanii isa guddaa keessatti qabameera.+

  • Hisqiʼel 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin kiyyeessuun ni qabama.+ Achiis gara Baabilon, gara biyya Kaladootaatti isa nan fida; haa taʼu malee, inni biyyattii hin argu; achitti ni duʼa.+

  • Daaniʼel 1:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis mootichi warra sanyii mootii fi sanyii guguddootaa taʼan dabalatee Israaʼelota* tokko tokko akka fidu Ashfenaaz isa ajajaa abbootii taayitaa mana mootummaa isaa taʼe sana ajaje.+

  • Daaniʼel 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Dargaggoonni gosa* Yihudaa keessaa taʼanii fi Daaniʼel,*+ Hanaaniyaa,* Mishaaʼelii* fi Azaariyaa* jedhaman isaan gidduu jiru turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi