-
Isaayyaas 6:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti ani, “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” nan jedhe. Innis akkana naan jedhe:
-
-
Faaruu Ermiyaas 2:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yihowaan akka diinaa taʼe;+
Israaʼeliinis ni liqimse.
Inni masaraawwan ishii hundumaa ni liqimse;
Iddoowwan ishii warra dallaa dhagaa qaban hundumaa ni barbadeesse.
Inni booʼichii fi faaruun gaddaa intala Yihudaatti akka baayʼatu godhe.
-
-
Hisqiʼel 36:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 kanaafuu, yaa gaarota Israaʼel, dubbii Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa dhagaʼaa! Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan gaarotaa fi tabbawwaniin, lageenii fi sululawwaniin, diiggaawwan ona taʼaniin,+ akkasumas magaalota onan warra saamamanii fi namoota saboota naannoo isaaniitti argaman keessaa lubbuudhaan oolaniin itti qoosame sanaan akkana jedha;+
-