LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 6:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yeroo kanatti ani, “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” nan jedhe. Innis akkana naan jedhe:

      “Hamma magaalonni diigamanii namni keessa jiraatu dhabamutti,

      Hamma manneen namoota malee hafanitti,

      Hamma biyyattiin diigamtee ontutti;+

      12 Hamma Yihowaan namoota iddoo fagootti geessutti,+

      Akkasumas, hamma biyyattiin garri caalaan ishii ontutti.

  • Ermiyaas 26:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 “Bara Hisqiyaas+ mootii Yihudaatti, Miikiyaas+ inni nama Moresheet taʼe raajii dubbachaa ture; guutummaa saba Yihudaatiinis akkana jedhe: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

      “Xiyoon akkuma maasiitti ni qotamti,

      Yerusaalem tuullaa diiggaa ni taati,+

      Gaarri Manichaas* akkuma iddoowwan ol kaʼoo bosona keessa jiranii* ni taʼa.”’+

  • Faaruu Ermiyaas 2:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Yihowaan akka diinaa taʼe;+

      Israaʼeliinis ni liqimse.

      Inni masaraawwan ishii hundumaa ni liqimse;

      Iddoowwan ishii warra dallaa dhagaa qaban hundumaa ni barbadeesse.

      Inni booʼichii fi faaruun gaddaa intala Yihudaatti akka baayʼatu godhe.

  • Hisqiʼel 36:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 kanaafuu, yaa gaarota Israaʼel, dubbii Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa dhagaʼaa! Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan gaarotaa fi tabbawwaniin, lageenii fi sululawwaniin, diiggaawwan ona taʼaniin,+ akkasumas magaalota onan warra saamamanii fi namoota saboota naannoo isaaniitti argaman keessaa lubbuudhaan oolaniin itti qoosame sanaan akkana jedha;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi