- 
	                        
            
            Maarqos 7:32-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
32 Iddoo kanatti nama gurri isaa hin dhageenyee fi arrabni isaa hidhame tokko gara isaatti fidanii+ akka inni harka isaa isa irra kaaʼu isa kadhatan. 33 Innis namoota sana gidduudhaa kophaatti isa baase. Achiis quba isaa gurra namichaa keessa galche; erga tufee boodas arraba namichaa tuqe.+ 34 Gara samii ilaalaa guddisee erga hafuura baafatee booda, “Efataa” isaan jedhe; hiikni isaas, “Banami” jechuu dha. 35 Yeroo kanatti gurri isaa ni baname,+ arrabni isaa inni hidhames ni hiikame; sirriitti dubbachuus ni jalqabe.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Luqaas 7:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
22 Warra ergaman sanaanis deebisee akkana jedhe: “Dhaqaatii wanta argitanii fi wanta dhageessan Yohaannisitti himaa: Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru,+ warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru,+ warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru, hiyyeeyyiidhaafis misiraachoon lallabamaa jira.+
 
 -