-
2 Seenaa Baraa 32:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Hisqiyaas, “Waaqni keenya Yihowaan harka mootii Asoor jalaa nu oolcha” jedhee isin gowwoomsuudhaan, beelaa fi dheebuudhaan duʼatti dabarsee isin kennaa jira mitii?+
-
-
2 Seenaa Baraa 32:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Ammas Hisqiyaas akka kanaan isin hin gowwoomsin, isin hin dogoggorsinis!+ Waaqni saba yookiin mootummaa isa kamii iyyuu harka koo fi harka abbootii kootii jalaa saba isaa oolchuu dandaʼe waan hin jirreef, isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka koo jalaa isin oolchuuf hammam xinnaata ree!’”+
-
-
Daaniʼel 3:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Egaa amma sagalee xurumbaa, faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa yommuu dhageessan, gombifamtanii siidaa ani tolche sana ni waaqeffattu taanaan gaarii dha. Waaqeffachuu yoo diddan garuu, yeruma sana ibidda bobaʼaa jiru keessatti darbatamtu. Waaqni harka koo jalaa isin oolchuu dandaʼu eenyu?”+
-