-
Uumama 18:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Ilmaan isaa fi maatiin isaa warri isa booda dhufan wanta sirrii fi haqa taʼe raawwachuudhaan daandii Yihowaa akka eegan akka isaan ajajuuf, ani Abrahaamiin beekeera;+ kunis Yihowaan wanta Abrahaamiin ilaalchisee waadaa gale akka raawwatuufi.”
-
-
Iyyaasuu 4:21-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Achiis Israaʼelotaan akkana jedhe: “Gara fuulduraatti ijoolleen keessan, ‘Dhagoonni kun maali dha?’ jedhanii yommuu isin gaafatan,+ 22 akkana jedhaatii ijoollee keessaniif ibsaa: ‘Israaʼel lafa gogaa+ irra Yordaanosiin ni ceʼe; 23 Waaqni keessan Yihowaan hamma nuti ceenutti bishaan Yordaanos nu duratti ni gogse; Waaqni keessan Yihowaan hamma isaan ceʼanitti galaanicha gogsuudhaan akkuma Galaana Diimaa irratti godhe+ sana nuufis ni godhe. 24 Inni kana kan godhe, saboonni lafa irraa hundi harki Yihowaa hammam jabaa akka taʼe akka beekaniif,+ akkasumas isin yeroo hunda Waaqa keessan Yihowaa akka sodaattaniifi.’”
-