5 Yehoyaaqiim+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 6 Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon qabee hidhaa sibiila diimaa lamaan hidhee gara Baabilonitti isa geessuuf isatti duule.+