LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 36:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.

  • Nahimiyaa 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+

  • Nahimiyaa 9:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Atis waggoota hedduudhaaf obsa isaanitti argisiiste;+ karaa raajota kees hafuura keetiin yeroo baayʼee isaan ni akeekkachiiste; isaan garuu dhaggeeffachuu ni didan. Dhuma irrattis ati harka saboota biyyoota sanaatti dabarsitee isaan kennite.+

  • Ermiyaas 25:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Yosiyaas ilmi Amoon mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 13ffaa+ irraa jalqabee hamma guyyaa kanaatti, jechuunis waggoottan 23n kanaaf dubbiin Yihowaa gara koo kan dhufe yeroo taʼu, anis irra deddeebiʼee* isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi